Afaan Oromoo

How to respond to an 'Apparent failure to vote' notice

Video transcript

Akkam jirtu, maqaan koo Ahmed dha. Ani gaheen koo Ambaasaaddara Dimokraasii ti.

Komishinii Filannoo Viktooriyaa keessan hojjedha. 

Ji’a Sadaasa keessa filannoo mootummaa Viktooriyaa qabna turre lammiileen Awustiraaliyaa galmee filannoo keessa jiran hundi sagalee kennuu qabu turan.

Yoo VEC galmee ati sagalee ittin kennite hin qabne ta’e, maaliif akka ati hin filanne xalayaan siif dhufu danda’a.

Kun adabbii miti.

Xalayaa keessatti, kanneen armaan gadii ni haammatamu:
Unka. 
Qajeelfama af-daneessa.
fi xalayaa deebiif ittin kaffalame qabu.

Unka irratti sagalee kennuufi dhiisuu kee gaafatamta.

Yoo sagalee kennitanitan ta'e yoomii fi eessatti akka filattan nuuf himaa.

Yoo sagalee hin kennine ta’e sababa sagalee hin kennineef ibsuu qabdu.

Sagalee kennuu fi dhiisuu kee nutti himuuf guyyaa xalayaa kun si dhaqabe irraa eegalee guyyaa 28 qabda.

Unka kana xalayaa deebiif ittin kaffalame keessa kaa'aatii dafaa nuuf ergaa.

Maaloo xalayaa sana bira hin darbinaa. Yoo deebii hin kennine adabbii maallaqaa argachuu dandeessa.

Unka guutuuf gargaarsa yoo barbaaddan, maaloo lakkoofsa tajaajila afaan hiikkaa 03 9209 0112 irratti bilbilaa ykn marsariitii keenya vec.vic.gov.au daawwadhaatii asxaa afaan hiikaa filadhaa.